Yuunivarsiitiin Bulee Horaa Bakka Da'umsa Haadholii Kan Ijaarsisaa ture Eebbise

Bitootessa 4,2014 YBH
Yuunivarsiitiin Bulee Horaa,Hospitaala Barsiisummaa isa jalatti argamuuf kutaalee daa'umsaa haadholii birrii miliyoona 3.5 oliin magaalaa Bulee Horaa keessatti ijaarsisee eebbisiise.
Eebbi kuni bakka Dr. Taammiruu Aanolee Itti aanaa pireezidaantii Barnootaa, Dr. Gumii Boruu Itti aanaa pireezidaantii dhimma qo'annoo fi tajaajila hawaasaa, akkasumas Itti gaafatamaan Inistitiyuutii Fayyaa Kan ta'an barsiisaa Taakkalaa Uturaa fi Narsoota ,Doktoroota fi bakka qaamoleen Hospitaalaa Barsiisummaa argamanii jiru.
Ijaarsi kuni of keessatti kutaa daa'umsaa, tursiisaa,dahanii bakka itti turan, kutaa ciisichaa,kutaa dhiqannaa, mana fincaanii narsootaa fi Dooktorootaa dabalatee kan tajaajila kennuu danda'uu dha.
Kutaan daa'umsaa haadholii kuni kutaa baqaqsanii yaaluu walliin waan wal qunnamee jiruuf salphaatti akka tajaajila argatan isaan taasisa.
Dhuma irrati hoggantoonni Yuunivarsiitiichaa hospitaala keessa naanna'uun daawwatanii jiru.
Daawwannaa kanaanis hanqinoota jiran haala kamiin furuun akka danda'amu irratti mari'achuun sagantaan xumurame jira.
Jijjiirama fulla'aaf hojjanna !!!