በቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲ የላቀ አፈፃጸም ላስመዘገቡ ሠራተኞች እና ለተለያዩ አካላት የእዉቅና አሰጣጥ መርሃግብር ተካሄደ

በቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲ የላቀ አፈፃጸም ላስመዘገቡ ሠራተኞች እና ለተለያዩ አካላት የእዉቅና አሰጣጥ መርሃግብር ተካሄደ
===========*****=================
በዕለቱ መርሃግብር ላይ የቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲ ፕረዝዳንት ተባባሪ ፕሮፌሰር ዶ/ር ጫላ ዋታ ጨምሮ የዩኒቨርሲቲዉ ከፍተኛ አመራሮች፣ የምእራብ ጉጂ ዞን ጸጥታ ዘርፍ ሃላፊ እና የምእራብ ጉጂ ዞን አስተዳደር ተወካይ፣ የዩኒቨርሲቲዉ አማካሪዎች ምክር ቤት አባላት፣ ዲኖች፣ ዳይሬክተሮች፣ መምህራን፣ የአስተዳደር ሠራተኞች እና ተጋባዥ እንግዶች ተሳትፈዋል፡፡
ተባባሪ ፕሮፌሰር ዶ/ር ጫላ ዋታ የቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲ ፕረዝዳንት በመድረኩ ላይ የመክፈቻ ንግግር እና የእዉቅና መርሃግብሩን ዓላማ አብራርተዋል፡፡
በቀጣይነት የእዉቅናዉ መርሃግብር ገለፃ በረዳት ፕሮፌሰር ገመዳ ኦዶ በመስጠት የሽልማት መርሃግብሩ በዩኒቨርሲቲዉ አምስት ዘርፎች ስር በሚገኙ አጠቃላይ ሰራተኞች ዉስጥ የላቀ አፈፃፀም ላስመዘገቡ ከመካከለኛ አመራር እስከ ድጋፍ ሰጪ ሰራተኞች፣ በቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲ የጤና እንስቲቱት የቡሌ ሆራ ማስተማሪያ ሆስፒታል ሰራተኞች፣ የገዳና ባህል ጥናት እንስቲቱት ሰራኞች፣ የዩኒቨርሲቲዉ አማካሪዎች ምክር ቤት አባላት፣ የአካባቢ መስተዳድር አካላት እና የፀጥታ አካላትን ያካተተ ነበር፡፡
የሽልማት መርሃግብሩ በዩኒቨርሲቲ፣ በዘርፍ እና በኮሌጅ ደረጃ በእዉቅና አሰጣጥ ግምገማ መመሪያና መስፈርት መሰረት የተካሄደ ሲሆን፤ ሁሉም ለጋራ አላማ እና ለተቋሙ ተልዕኮ መሳካት በተነሳሽነት በጋራ እንዲቆም ታሳቢ ያደረገ ነዉ፡፡
ለላቀ ለዉጥ እንተጋለን!!!
ቡሌ ሆራ ዩኒቨርሲቲ
ጥቅምት 17/2014 ዓ.ም
=====================================
Onkololeessa 17/2014
Yuunivarsitiin Bulee Horaa hojjattoota fi qaamolee adda addaa raawwii hojii isaaniitiin jijjiirama olaanaa galmeessisaniif sagantaa beekkamtii qopheesse.
===========********===========
Sagantaa kana irratti haasawa baniinsaa kan taasisan Associate Professor Dr.Caalaa Waataa kaayyoo sagantaa beekkamtii kanaa yoo ibsan "YBH dhaadannoo jijjiirama fulla'aaf hojjanna!" jedhu qabatee hojjachaa jiraachuu isaa kaasani.
Haasawa isaanii irratti itti fufuudhaan hojjattoonnii fi hooggansi bulchiinsa Godinaa fi magaalaa akkasumas qaamoleen nageenyaa sadarkaa garagaraa irratti argamanii fi bakka bu'oonni kutaalee hawaasaa dhaabbaticha bira dhaabbachuudhaan sadarkaa amma irratti argamurra akka gahuuf dadhabne osoo hin jedhin halkaniif guyyaa bira dhaabbachuudhaan diqama hojii isaanii bahachaa turanii fi deeggarsaan tumsaa turan hunda onnachiisuu fi galateeffachuu irratti sagantaa kaayyeffate ta'uu isaa ibsaniiru.
Sagantaa kana irratti hooggansa, hojjattoota bulchiinsaa, barsiisota dhaabbatichaa, miseensota mana marii gorsitootaa Yuunivarsitii Bulee Horaa, fi qaamoleen bulchiinsaa, bulchiinsaaf nageenyaa godinaa, magaalaa haga gandaa jiran garagaraa affeeraman argamanii jiru.
Sagantaan badhaasaa kuni sadarkaa dhaabbatichaatti, Dameewwaniitti, kolleejjotaa, Inistiituutii Gadaa fi Qorannoo aadaatti akkasumas Inistiituutii fayyaa YBHtti hojjattoota jiran hunda kan giddugaleeffatee dha.
Akkasumas qajeelfama madaallii fi kenna beekkamtii dhaabbilee barnootaa irratti olaanoo bu'uureffachuudhaan raawwii hojii olaanaa hoojjattootaa fi barsiisota akkasumas hooggansa galmeessise hunda madaalliidhaan adda baasuun sadakaa 1-3 worra bahaniif waraqaa ragaa beekkamtii olaanaan kennamee jira.
Gama biraatiin ammoo qaamolee bulchiinsaa, bulchiinsaaf nageenyaa godinaa, magaalaa haga gandaa jiran garagaraa fi miseensonni mana marii gorsitootaa Yuunivarsitii Bulee Horaa deeggarsa gama hundaa taasisuudhaan nageenni baruu-barsiisuu dhaabbaticha keessatti eeggamee akka itti fufuufi jijjiiramni amma muldhatu kuni hundi akka dhufuuf tumsa taasisaa turaniif waraqaan ragaa galateeffannaa isaaniif laatamee jira.
Dhuma irratti hojjattoonnii fi qaamoonni beekkamtii argattanii fi kan haftan hundi kaayyoo tokkoof akka dhaabbanne hubachuudhaan tokkummaan dhaabbannee jijjiiramaa fi bu'aa caaluuf karoorfannee haa hojjannuu jechuudhaan dhaaman.
Jijjiirama Fulla'aaf Hojjanna!!!
Yuunivarsitii Bulee Horaa